MOA – Sadaasa 14, 2009 – (Toronto Kanada) Magaalaa Torontoo keessatti guyyaa yaaddannoo FDG bifa bareedaa dhann Misseenotaa fii deggartonni akkasumas hawaasni qooda balinaanaan irra fudhataniiti jitu. Sirnni kun akkuma aadaa keenyaa eebba Mannguddootin yoo banamu itti aansuu dhaan Hawaasni achiti argame faaruu alaabaatiin daran bareechanii jiru. Achumaan Dura’taan Konyaa Muli’s Abbaa Gadaa J/ Fiqaaduu Eebbaa keesumoota achitti argamaniif simannaa eega godhanii booda haasawaa isaanii itti fufudhaan sababa guyyaa kana laalchisuu dhaan ibsa bal’aa kennaniitu jiru. Itti aansuu dhaan J/ Yaddiin Dura taa’an ABO Kutaa Kanadaa gadi fageenyan guyyaa kana laalchisee ibsa bal’aa kennaniiti. Namooni Qaaman bara 2005 yeroo FDG gaggefamaa ture keessa turanis dhaamsa isaanii dabarfataniiti turan. Dhuma irratti walaloo Maal dhaamanii Jaallawan Qabsoof kufanii jedhuun xumurameeti jira.
Gadaan Gadaa Billisumaat